SOKOSSA HUMNA QABU.
Natti Hasaasa
guyyaas ta'e halkan keessa
gurrakootti nasokossa.
Natti hasaaseetu odeessa
suuta jedhee natti ususa.
Waa jedhee waa hindhiisu,
"sitti himeeraa sihaaga'u"
jedhee narraa hindeebi'u.
Sana fidee kanas fidee
natti hasaasaa oolee bulee
gurrakootti na sokossee
hasaasisa cire dibbee gurrakoo
Maali jamaa maaltu dhufe
waci namaaf kan bineensaa,
hammana hin cimu humnisaa.
Garuu sokossa sammuu
hasaasa yaadaa dandamachuun nayaaddesseen of nyaadhe
Sana ta'iif kana dhiisi,
waayyaannee fi halbaadhettii
jechuun gurra natti duucha.
Hasaasee natuffata takkas na faarsa
ta'us humnaan dhufee natti seenee
na waraana sagaleensaa.
Dheekkamsoofi tuffiin namaa
humna dhabnaan dhaga'amuuf,
kan yaadakoof xiinsammuukoo
nan dadhabe jalaa usuuf.
sokossa sagalee caalutu
natti wacee nagidirse.
Hasaasa humna qabeessa
xiinsammuun koo natti hasaase,
sagaleessuu natti caalee
gurra keessaa natti wace
dhaamsa dhaamee naan godaane
Ana keessaa godaanuummoo balfe
waan waabuusu nabaachisee
kan waa hin buusneef na gidirsaa
Addunyaa keessaa hin godaanne keessatti
keessakoo faarsi jeji tuffadhu jibbi balfi! jechaa ofiin nahaasofsiisa..... (Ijoo Namni yaada